ONM-ABO Guraandhala 28, 2024
Murni bilxiginnaa fi loltootni isaa kaayyoon isaanii hawaasa nagaa lafa irraa duguuguu kan ta’e yoo ta’u, akkuma “Qurxummii balleessuuf dursa galaana gogsuu qabna” jedhe qondaalli bilxiginnaa Fiqaaduu Tasammaa koreen isaan ajjeechaaf qindeessanis uummata nagaa Oromiyaa keessatti gooluu irratti bobba’anii jiran itti fufanii jiru.
Daa’imman dabalatee ajjeechaa bira darbee Oromiyaa keessatti namoota hedduu qaama hir’uu gochuun rasaasa sirnichaa cimee kan itti fufe yoo ta’u Guraandhala 22, 2024 aanaa Meettaa Wal-qixxee ganda Goolaa jedhamu keessatti ijoollee durbaa umuriin isaanii ganna 10 fi 12 ta’an rasaasa hidhattootni sirnichaa itti dhukaasaniin miila isaanii irra miidhamuun yeroo ammaa yaalamaa jiraachuu himan.
Ijoolleen durbaa rasaasa hidhattoota kanneeniin madaa’an kunneen maqaan isaanii Adaanuu Asaffaa fi Abbabee Dabalaa kanneen jedhaman yoo ta’an, ijoolleen durbaa kunneen mana baruumsaa irraa osoo galaa jiranii akka rukutamanis ibsan.
Akkasumas Guraandhala 22, 2024 aanaa Dandii ganda Daannisa Shoonnoo keessatti dargaggoo maqaan isaa Galaanaa Matakkaa jedhamu rasaasaan rukutuun yeroo ammaa haala yaadessaa keessa jiraachuu jiraattonni ifoomsaniiru.



