• Sun. Mar 15th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo Magaalaa Kamisee keessatti murni bilxiginnaa namoota Faannoo lolan nuu dhiyeessaa jechuun uummatatti dhaadatan

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 2, 2024

Ergamtootni murna bilxiginnaa abjuu abboota isaanii Minilik milkeessuuf halkanii guyyaa dhama’aa jiran afaaniin maqaa Oromoo dha’achaa Uummatni Oromoo isaan ajjeefamaa, hidhamaa saamamaa, fi qe’ee irraa ari’amuun rakkoo adda addaaf saaxilamaa osoo jiruu, yeroo ammaa ammoo maqaa Finxaaleeyyii Amaaraa maaliif loltan jedhuutiin, uummata gidirsaa jiraachuun himame.

Haaluma kanaan Guraandhala 30, 2024 Magaalaa Kamiseetti Bulchaan Zoonii Ahimed Alii jedhamu osoo Uummanni Oromoo finxaaleeyyii Amaaraan haala suukkanneessaan qalamaa fi guyyuu rasaasaan waadamee qabeenyi isaa hidhattoota kanaan saamamaa ooluu Uummata walttajjii waamuun, namoonni Faannoo lolaa turtan hundi keessan Qawwee fi Hidhannoo waliin Mootummaatti of gabaasaa jechuun uummata doorsisaa akka ture maddeen dabaluun dubbatan.

Akka hirmaataan Waltajjii sanaa tokko ONM’tti himetti Faannoo osoo hin taane kan biyya qabachuuf adeemaa jiru Waraana Bilisummaa Oromoo waan ta’eef faannoon tuqamuu hin qabu kan jedhe Bulchaan Zoonii kun, uummatnis kan nu ajjeesee qe’ee keenya irraa nu buqqisaa, qabeenya keenya saamaa fi lafa irraa nu fixaa jiru WBO osoo hin taane finxaaleeyyii isin hidhachiiftaniidha waan ta’eef WBO’n gaachana uummata Oromooti jechuun yaada isaa irratti faallessuus jiraataan kun dabaluun dubbateera.

Magaalaa Kamisee keessatti halkan guyyaama walttajjiin kun taasifamaa oole gaafa 30, 2024 waraqaa Faannoon yeroo dhihootti Magaalaa Kamisee ni dhuunfataa, fi Ummata Oromoo Walloo ni dhabamsiifna jedhu facaasuun, yeroo ammaa hawaasni burjaajii hamaa keessa jirutti, murni gabroomsaan pp kun gaara gubbaa bakka Qoree jedhamu kan Kamisee irraa daqiiqaa 6 qofa nama ooftu dhaabbachuun Magaalaa Kamisee keessatti hawaasicha jiilchuuf jecha dhukaasa Magaalichatti gadi dhukaasaa turuu himuun uummatni yaaddoo fi rifaatuu guddaa keessa galee jiraachuus dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading