ONM-ABO Bitootessa 4, 2024
Akka kanaanis godina Salaalee aanota akka Hidhabuu Abootee, Darraa, Kuyyuu, Dagam fi Yaayyaa Gullallee keessatti torbee darbe keessa, keessaayuu gaafa Bitootessa 1/2024 irraa kaasee walitti fufiinsaan lola gurguddaa waraana Abiy Ahimed irratti gaggeessaa jira.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn giddu galeessa Oromiyaa aanoota adda addaa keessatti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhachuun injifannoo galmeessaa jira.
Lola kana irratti murni bilxiginnaa injifannoo argachuuf kutaa waraanaa 2 caalu kan bobbaase ta’us, tarkaanfii guggubduu korommiiwwan WBO taasisaniin isaanuma irratti gaaga’amni hamaan qaqqabuun beekkamee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhate kanaanis humni waraana diinaa 200 ol kan du’an yoo ta’u lakkoofsan hedduu kan ta’an madaa’uun kaanis booji’amanii jiru. Meshaalee waraanaa nam-tokkee fi gamtaan qabatamu hedduun irraa hiikamee qabsoof galii ta’ee jira.
Haleellaa irratti qaqqabe kanaan humni diinaa baaraguun of ittisuuf jecha humna reejimentii lama Lixa Shaggar irraa gara lolaatti dabarsee turuun barameera.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
