• Fri. Mar 13th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti obboleewwan lama waraana faashistii PP’n qabamuun tokko ajjeefamee, inni biroos dhabamsiifamuun dhaga’aame

Mar 5, 2024

ONM-ABO Bitootessa 5, 2024

Koloneel Abiy Ahimed akkuma aangootti dhufeen afaaniin nagaa labsuun addunyaa guutuu fi uummata impaayera Itoophiyaa keessa jiraatu goyyomsuun badhaasa nagaa Noobeelii fudhatee kan ture, boodarra garuu oolee osoo hin bulin waraana bobbaasee ajjeechaa jumlaa raawwachuu eegale, hanga ammaatti itti fufee jira

Akkuma kanaanis Bitootessa 3, 2024 godina Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Habeebee keessatti obboleewwan lama mana amantaa keessaa qabuun yakka tokko malee bakka gabaatti geessuun dargaggoo maqaan isaa Xilahuu Tasammaa jedhamu ajjeesan.

Obboleessa isaa ammaaf maqaan nu hin ga’in jirus eessa akka geessan hin baramin jiraachuun himame.

Oduu biraatiin ammoo aanuma Tolee bulchiinsa magaalaa Baatuu keessatti sochii halkan waraanni maafi’aa PP taasisaa jiran jabaachuun namootni nagaan qe’ee irraa butamuun hidhamuun jabaatee jiraachuunis beekameera.

Guyyuma dheengaddaa halkan toora sa’a 5:00’tti mana abbaa qabeenyaa obbo Laggasaa Kabbadaa jedhamu deemuun qabanii mooraa waraanaatti erga hidhaniin booda ganamarraa deebi’uun ilma isaanii Miliyoon Laggasaas hidhuun beekamera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading