• Sat. Mar 14th, 2026

Miseensota waraanaa haaraan mooraa WBO zoonii Lixaa eebbifaman

Mar 5, 2024

ONM-ABO Bitootessa 5, 2024

Qabsoo uummata akeeka eebbifamaa qabu, kan hayyootni, goototni fi sabboontonni Oromoo hedduun irratti dhabaman galmaan ga’uuf dirqama ulfaataa kan ofitti fuudhe jaarmiyaan ABO-WBO kaadhimamtoota waraanaa haaraa leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennaafii ture dirree adda addaa irratti eebbisiisaa jira.

Akka kanaanis Dilbata dheengaddaa Bitootessa 3, 2024 kaadhimamtoota haaraa leenjii ga’umsa qaamaa, barnoota siyaasaa caayaatti, barruulee seeraa fi tooftaa waraanaa haala yeroo waliin deemu irratti walitti fufiinsaa kennuufiin ga’oomsee maqaa marsaa Urjii Lolaa jedhuun sirna hoo’aan eebbisiisee jira.

Eebba kana irratti abbaan mooraa WBO zoonii lixaa Jaal Wiirtuu Galataa barnoota kaadhimamtootni fudhatan ibsuun, dhalootni qabsoo dhaale kun, dhiiga jaallan isaaf onnatee galma bilisummaaf jabaatee akka hojjetu dhaamaniiru.
Qondaalli WBO Jaal Milkeessaa Luuccoo gama isaaniitiin hawaasni Oromoo miidhamaa jiraachuu ibsuun, waraana bilxiginnaa hawaasa Oromoo miidhaa jiru jabaattanii bakkaa kaasuun hawaasa Oromoof humna nagaa buusu akka taatan jechuun dhaammataniiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama hundaan qophii ta’uu kan ibsan Jaal Milkeessaan, ilmaan Oromoo loltoota bilxiginnaa ta’an, sirnicha keessaa ba’uun akka WBO’tti makaman dhamaniiru.

Eebbifamtootni dirqama ba’aniif akkuma maqaan isaanii Urjii Lolaa ta’e, Urjii ta’uu qabdu jechuun, fuula duras WBO zoonii cufatti leenjisee bobbaasuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Torbee darbe hanga Guraandhala 27’tti WBO’n zoonii giddu galeessaa mooraa leenjii adda addaatti eebbisiisee bobbaasuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Guutuu Eebba WBO mooraa zoonii lixaatti geggeeffame sagantaa keenya itti aanuun isiniif dhiyeessina.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading