• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa fi Dugda Daawwaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Mar 5, 2024

ONM-ABO Bitootessa 4, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa har’a Bitootessa 4 ganama sa’a 12:00 2:30tti tarkaanfii laaleessaa aanaa Galaanaa magaalaa Ejersaa keessatti waraana PP irratti fudhateen loltoota 20 ol yommuu ajjeesu 12 madoon adabeera.
Aanuma kana magaalaa Kombolchaa keessaa ammoo waraana bilxiginnaa ari’uun korommiiwwan Kibba Oromiyaa guutummaatti to’atanii turan.

WBOn tarkaanfii isaa godinicha keessatti jabeessuun ganama sa’a 2:00 irratti aanaa Dugda Daawwaa ganda Roobii Magaadaa bakka addaa Satalaayitii Qadiida jedhamutti haxxee hidhuun humna galaa fe’atte deemtu irratti tarkaanffii fudhateen loltoonni 15 battalatti yommuu du’an, 10 ol ammoo madoo dandammi hin qabneen adabamaniiru.

Erga WBOn lolee ba’ee humni bilxiginnaa wal rifatanii yeroo dheeraaf wal waraanaa turuun gaga’amni guddoon dhaqqabe jira.

Lolli bilisummaa finiinee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading