• Sun. Mar 29th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ilfataa keessatti jiraattonni buqqa’an rakkoo hamtuuf saaxilamanii jiraachuu dubbatu

Mar 6, 2024

Bitootessa 6, 2024

Impaayerri Itoophiyaa dararaa ilmaan Oromoo irraan ga’aa jirtuun qe’een Oromoo rakkoo gosa hedduuf saaxilamaa jira.
Yeroo itti ilmaan Oromootu impaayerittii bulcha jechuun dibbeen dharaa dhaanamaa jirutti Oromoon kumaatamaan buqqa’aa, beela’aa, ajjeefamaa fi dararaa gosa garaagaraaf saaxilamaa jira.
 
Godina lixa Shaggar Aanaa Ilfataa ganda Ambaltaa Godeetiti jiraattonni buqqa’an daa’ima baatanii harka namaa ilaalaa jiraachuu himatu.

Jiraattonni kunniin akka jedhanitti waraanni Mootummaa kaabinoota aanaa waliin ta’uun qabeenya isaanii saamee kaan abiddaan erga barbadeessanii lubbuu keenya oolfachuuf baqannee harka namaatti kufnee jedhu.
 
Jireenya amma jiraachaa jirru kanaan rakkoo hamtuun waan nu mudatee jiruuf Oromoon nuu fi qabsoo Oromoof sagalee ta’ee roorroo kana keessaa walbaasuu qabna jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading