ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Bilxiginnaan caasaa isaa kufe jabeeffatee ijaarrachuuf jecha waan qabee gadhiisu wallaaluu irraan kan ka’e, abboota maatii isaanii jiraachifachuuf guyyuu boqonnaa hin qabne dirqamaan butee adda waraanaatti erguun du’aaf qopheessuu jabeessee jira.
Akkuma kanaanis godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti dararaan namoota irratti ta’aa jiru jabaachuu irraan kan ka’e baatiilee sadan darbanii qabee namoota humnaan guuruun itti fufee kan jiru yoo ta’u, Kan torban kanaa ammoo haalaan jabaatee mul’ataa jiraachuus jiraattotni himu
Akka jiraattotni jedhanitti abbootiin gandoota baadiyyaa irraa gara magaalaa Mandii yeroo deemanitti qabamaa jiraachuu himuun, dabalataanis bulchiinsa magaalaa Beengu’aa keessaa hedduuminaan guuraa jiraachuus ONM’tti himaniiru.

