ONM-ABO Bitootessa 11, 2024
Akkuma beekamu bara bilxiginnaan biyya bulchaa jirra ofiin jedhan keessatti ilmi namaa bakka tokkoo ka’ee gara bakka birootti ykn aanaa tokko irraa gara aanaa birootti imaluuf ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhamuun hidhaa hanga ajjeechaa irratti raawwachaa jiru.
Harargee bahaa aanaa Dadar magaalaa Soqaa keessatti namootni daldala dhuunfaa isaaniif jecha Finfinnee dabalatee kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessaa gara magaalaa sanaatti imalan maqaa ergama WBO qabduutiin hidhamaa jiraachuu maatiin hidhamtootaa ONM’tti himaniiru.
Namoota hidhaman keessaa dargaggoo Ahimed Adam keessatti kan argamu yoo ta’u innis bakki jireenyaa isaa magaalaa Finfinnee yoo ta’u daldala dhuunfaa isaaf gara aanaa sanaatti imaluu himu.
Waraanni akka feeteen sirnichaas sababa tokko malee fuulli kee nuuf haaraadha jechuun osoo waraqaa eenyummaa isaa dabalatee maal akka hojjetu itti himuu reebicha hamaa irratti raawwachuun bakki isaan geessan dhabamuun maatiin hiyyaafachaa turuu himan.
Barbaacha guyyoota hedduu booda Bitootessa 6, 2024 mana hidhaa magaalaa Soqaa keessatti argamuus dubbatan.
Akkasuma dhalattoonni Oromoo dhimma hojiif gara sanatti bobba’anii jiran lakkoofsaan hedduu ta’an achitti walitti qabamanii jiraachuus ibsan.






