• Sun. Jan 11th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee manni nama dhuunfaa tokkoo ibiddaan gubatee yoo barbadaa’uu hidhaa fi reebichis namoota irratti raawwatame

Mar 12, 2024

ONM-ABO Bitootessa 11, 2024

Qe’een Oromoo bara bulchiinsa bilxiginnaa keessa nagaa dhabuun gara laafina tokko malee mi’a mana keessaa dabalatee hidhattootni sirnichi hawaasa nagaatti bobbaaseen manni isaa daaraa ta’aa jiraachuun, dargaggoota karaa irraa qabuun mana hidhaatti naquu fi reebichi daangaa hin qabne irratti geggeefamaa jiraachuu dubbatu.

Gubaatiin manneenii fi hidhaan Oromiyaa bakkeewwan hedduutti jabaatee itti fufee jiraachuu fi uummanni Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’anis manaa ala ta’uun jiruu hirkattummaaf saaxilamanii jiru.

Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Basii Biliidaa jedhamu keessatti dheengadda Bitootessa 9, 2024 waraanni shiftaan sirnichaa mana qonnaan bulaa obbo Urgeessaa Daggafaa Odaa jedhamu jalaa mi’a mana keessaa dabalatee mana isaa jalaa gubanii barbadeessuun himame.

Akkasuma aanicha keessatti hidhaa dabalatee reebichi hamaan jiraattota irratti bifa qindaa’aa ta’een geggeefamaa akka jirus jiraattotni irra deddeebiin dubbachaa jiraachuun isaanii ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading