ONM-ABO Bitootessa 12, 2024
Bilxiginnaan hawaasa hiraarsuun siyaas-dinagdeen saba Oromoo dadhabsiisuuf jecha guyyaa guyyaatti karoora ittiin yakkoota Oromiyaa keessatti geggeessan baasee jiraattota goolaa oola.
Bifuma kanaanis godina lixa Harargee aanaa Ciroo keessaa yeroo darbe murni bilxiginnaa dirqamaan jiraattota irraa maallaqa inshuraansii fayyaa jechuun tokkoo tokkoo namootaa irraa qarshii 950 fuudhaa kan turan dhuunfaaf oolfachuun yeroo ammaa irra deebiin namoota gaafachaa jiraachuu dubbatu.
Akka jiraattotni jedhanitti aanichatti abbaan araddaa ganda Luugoo Baceessaa namni Ibsaa Adam Hasan jedhamu itti aanaa isaa kan ta’e Adam Sayiid kan jedhamu waliin ta’uun maallaqa inshuraansii fayyaa qarshii 200,000 ol jiraattota irraa fuudhanii kan turanii fi yeroo ammaa ammoo galii hawaasa irraa fuudhan aanaatti beeksisuu dhiisuun irra deebiin namoota dirqamsiisanii qarshii guuraa jiraachuus himu.
Namoota maallaqa maaliif irra deebinee kaffala jechuun gaaffii kaasan ammoo hariiroo WBO waliin uumtee jirta jechuun siyaasa waliin wal -qabsiisanii hidhaan dararaa jiraachuus dabaluun himaniiru.




