• Sun. Mar 15th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti manneen qonnaan bultootaa gubachuun qabeenyis saamame

Mar 12, 2024

ONM-ABO Bitootessa 12, 2024

Oromoo balleessuuf karoora jabaa qabatanii hidhattootni murna bilxiginnaa hawaasa nagaatti bobbaafaman guyyuu gubaatii manneenii fi saamicha irratti bobba’anii jiru.

Hawaasa nagaa gidirsuu hojii isaanii isa jalqabaa kan godhatan hidhattootni kunneen lafa socho’an cufatti dafqa haadha hiyyeessaa saamuu fi kan socho’uu hin dandeenye ammoo gubanii barbadeessuun maatii bakkeetti baasanii jiruu gadadoof saaxilaa jiru.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Bitootessa 11, 2024 lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Qoricha Badhaas keessatti loltoonni shiftaa Abiy Ahimed gandichatti bobbaafaman manneen qonnaan bultoota sadii mi’a mana keessaa waliin gubanii yoo barbadeessan horiin isaaniis saamamuu dubbatan.

Obbo Buzaayyoo Sha’ul jalaa mana qorqorroo luukii 42 fi mi’a mana keessaa midhaan dabalatee tokko osoo hin hambisin jalaa gubanii yoo barbadeessan haadha isaa jalaa ammoo sangaa tokko fudhachuun qalatanii nyaatan.

Tarreessaa Wagii mi’a mana keessaa midhaan dabalatee qorqorroo luukii jahatama jalaa gubanii yoo barbaadeessan, Warqii Caalaa jalaayis akkasuma mi’a mana keessaa dabalatee qorqorroo luukii 40 jalaa gubuus himan.

Akkasumas, guyyaa dheengaddaa aanichuma ganda Qoricha Dheeraa keessaa obbo Milkeessaa Irranaa jalaa mana qorqorroo luukii shantama mi’a mana keessaa waliin gubanii barbadeessuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Namoonni gochoonni kunneen irratti raawwate kunneen hundi isaaniyyuu qonnaan bultoota ta’uu himuun, nama siyaasa hin beekne ta’uus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading