• Fri. Mar 20th, 2026

Godina lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessaa waraanni maafi’aa PP dargaggoota sadii ukkaamsuun dhagaa’ame

Mar 13, 2024

ONM-ABO Bitootessa 13, 2024

Murni bilxiginnaa yeroo ammaa jijjiirama siyaasaa finna jedhee yakkoota jibbisiisoo fi sababoota tarreessuun namoota hirmannaa siyaasaa hin goone sobaan yakkuun ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dhabamsiisuu irratti kan argamu namoota daandii gubbaa deemanii fi hojiif gara baadiyyaa imalan WBO’f heeruu laattuun gochoota badii irratti taasisaa jira.

Akkuma kanaanis Bitootessa 12, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Gooriitti dhiyoo Kan ta’e daandii gurraacha kallattii Warra Jirruu geessu irratti gootichi waraana bilisummaa Oromoo tarkaanfii guggubduu humna faashistii PP irratti fudhateen du’aa fi madoon erga adabee booda hafteen murna bilxiginnaa ol deebi’uun namoota nagaa sadii daandii irraa qabuun ukkaamsuun dhagaa’ame.

Dargaggootni daandii irra osoo socho’aa jiranii qabaman kunneen dhalootaan aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Goorii ganda 01 bakka addaa Qilxuu Guluu Jedhamu yoo ta’an maqaan isaaniis: Amanaa Indaaluu, Amanuu Takilee fi Baacaa kanneen Jedhaman akka ta’es himaniiru.

Ona Lataa Sibuu keessatti hidhaan cinatti saamichi qabeenyaa jiraattota irratti yeroodhaa yerootti ta’uun, namootni hunduu rifaatuun akka jiraatan godhee jira jechuun jiraataan aanichaa tokko yaada isaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading