ONM-ABO Bitootessa 16, 2024
Baha Oromiyaa keessatti rakkoon qaamolee impaayera Itoophiyaa bulchaniin hawaasa irratti raawwatamaa jiru jabaachuun, caasaaleen sirna bilxiginnaa namoota hundaa saalaan osoo adda hin baasiin namni umurii kamiyyuu leenjii milishummaa fudhachuu qabduun namoota hiraarsaa jiraachuu himatu.
Akka kanaanis Bitootessa 14, 2024 godina lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti waraanni maafi’aa PP namoota dirqamaan manaa yaasuun leenjiitti guuraa turuu dubbatu.
Namoota humnaan guuraman keessatti haadholii, daa’immaan umuriin isaanii xixiqqoo fi namootni dhukkubsatoon danuunis keessatti akka argaman himuun, namootni yaadaa fi gaaffii kam malee dirqamsiifamaa jiraachuus himatu.
Oduu biraatiin ammoo aanaa Gumbii Bordoddee keessatti kantiibaan magaalichaa maqaa ijaarsa seeraan alaati jedhuun manneen jiraattotaa akka diigamuuf ajaja dabarsee diigsisaa jiraachuun beekameera.
Namootni manneen isaanii jalaa diigamuuf irratti murteeffamee jiru kunneen maatilee harka qalleenyii fi qaala’iinsa jireenyaan rakkoo ulfaataa keessa jiran akka ta’es ONM’tti himaniiru.






