• Sat. Mar 14th, 2026

Preezdaant Puutiin Waraanni Addunyaa 3’ffaan dho’uuf qarqara irra akka jiru dubbataniiru

Mar 19, 2024

ONM-ABO Bitootessa 19, 2024

Waggoota ja’a dhufaniif pirezidaantii ta’uun Raashiyaa hoogganuudhaaf kan filataman Vilaadmiir Puutiin, waraanni addunyaa sadaffaan jalqabamuuf qarqara irra jira jedhan.

Pirezidaanti Puutiin injifannoo filannoo isaanii hordofee haasaa taasisaniin Raashiyaan NATO Ameerikaan durfamu waliin kallattiin waraanaaf qarqara irra akka jirtu ibsaniiru.

Yoo waraanni kun eegale waraanni addunyaa sadaffaan ni eegala jechuun preezdaant Puutiin haasawa isaanii keessatti kun akka hin mudanne fedhii Raashiyaa ta’uu dubbataniiru jedha Rooyitars.

Pirezidaantiin Faransaay torban lama dura waraana gara Yukireen erguu dandeessi jettee erga dubbatanii booda NATO dabalatee biyyoonni hedduun yaada kana kuffisaniiru.

Raashiyaan erga Rakkoo Misaa’ela Kuubaa bara 1962 mudateen booda yeroo jalqabaaf biyyoota dhihaa waliin wal dhabdee jirti.

Haasaa kana irratti Pirezidaanti Puutiin NATO waliin waraanaaf qophaa’aa ta’uu fi dhiisuu isaanii gaafatamanii, “Addunyaa keenya ammayyaa keessatti wanti hin danda’amne hin jiru” jechuun deebii kennaniiru.

Pirezidaantichi itti dabaluudhaan loltoonni NATO Yukireen keessa akka jiran ni beekna, akkasumas Raashiyaan loltoota kana Yukireen keessatti ajjeesaa akka jirtu dubbataniiru. Yukireen Raashiyaa irratti duuluu yoo itti fufte nageenya keenyaaf jecha Yukireen irraa lafa dabalataa qabachuu akka danda’anis pirezidaantichi ibsaniiru.

Prezdaant Maakroon yaada waraana kana hammeessuu irraa yoo of qusatan gaarii ta’a kan jedhan Pirezidaanti Puutiin garuu ammallee sana gochuuf yeroon isaa hin darbine jedhan. Waraanni Raashiyaa fi Yukireen torban tokkoof ture amma waggaa sadaffaa isaa irra kan jiru yoo ta’u, loltoonni gama lameenii kuma dhibbaan lakkaa’aman du’uu fi miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii gabaafameera jechuun Rooyitars gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading