• Thu. Mar 19th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Gindabarat keessatti namoonni nagaan gandoota aanichaa keessaa qabamanii hidhamanii turan mana hidhaa keessaa baafamuun achi buutee dhabamsiifaman

Mar 23, 2024

ONM-ABO Bitootessa 23, 2024

Ija Shakkiin ilaaluun namoota nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan murni bilxiginnaa mana hidhaatti guuree dararuu fi mana hidhaa irraa baasee achi buutee dhabamsiisuu hojii isaa isa jalqabaa godhachuun hojjechaa jira.

Lixa Shaggar aanaa Gindabarat gandoota aanichaa keessaa dargaggoota hedduu baatiilee hedduuf walitti qabanii hidhaa turan keessaa guyyaa dheengaddaa Bitootessa 21, 2024 namoota waajjira poolisii magaalaa Kaachisii keessatti hidhamanii dararamaa turan keessaa 6 halkan irra baasanii achi buutee isaanii dhabamsiisuu maddeen mana hidhichaa ONM’tti himaniiru.

Akka maddeen kun jedhanitti maatiin hidhamtootaa waajjira Poolisii aanichaa dhaqanii gaafatanis gara godinaatti dabarsine jechuun maatii ari’aa turuus himan.

Dabaluun akka jedhanitti irra deddeebiin dargaggoota aanicha keessaa baasanii bakka biraatti geessuun ajjeesanii bineensa nyaachisuu fi achi buutee dhabamsiisuun hammaatee jiraachuus himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading