• Sat. Mar 14th, 2026

Huutiin Yaman waldhabdee Galaana Diimaa gidduutti dooniiwwan 6 fi magaalaa Israa’el Eyilat, irratti haleellaa raawwachuu ibse

Mar 27, 2024

ONM-ABO Bitootessa 27, 2024

Gareen finciltoota Huutii akka jedhetti dooniiwwan 6 irratti xiyyeeffachuun haleellaa geggeesseen dooniiwwan 2 Galaana Diimaa, Galoo Galaana Aden keessatti barbadeessuu dubbate.

Gareen Huutii Yaman Kibxata kaleessaa akka ibsettii guyyoota sadan darban keessatti magaalaa Israa’el Eyilat fi dooniiwwan ja’a Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessa jiran irratti xiyyeeffachuu isaanii himan.

Dubbi himaan Huutii Yaayyaa Saree akka jedhanitti, misaa’eloonni balistikii fi dirooniin kudhanootaan lakkaa’aman Kibba Israa’el Eyilat irratti dhukaafamaniiru jedhan.

Gareen kun dooniiwwan Meerisk Saratoga, APL Detroyit, Haang Pu fi piriitii Ladii jedhamani irratti xiyyeeffachuun dooniiwwan Ameerikaa fi Ingilizii akkasumas dooniiwwan Ameerikaa balleessan lama ta’uu isaanii adda baaseera.

Dubbi himaan kun, “Huutiin uummata Falasxiin waliin gamtaa ta’uun haleellaa isaanii itti fufu” jechuun dhaadataniiru.

Himannaa Huutii kana irratti Ameerikaan yaada irratti hin kennine.

Huutiin dooniiwwan fe’umsaa Galaana Diimaa keessa jiran kanneen dhaabbilee Israa’eliin qabaman,socho’an ykn meeshaalee gara Israa’elitti geejjibanii fi Israa’el irraa geejjibsiisan irratti xiyyeeffachuu ibsiteetti.

Gareen finciltoota Huutii Gaazaa waliin gamtaa kan taasisan yoo ta’u, Onkoloolessa darbe tarkaanfii Hamas Israa’el irratti raawwate hordofuun haleellaa Israa’el taasiisteen lubbuu namoota Falasxiin 32,000 ol galaafatteetti jechuun ibsuu.

Galaanni Diimaan daandii galaanaa addunyaa yeroo baay’ee boba’aa fi meeshaalee daldalaa erguuf itti fayyadaman keessaa isa tokko yoo ta’u, yeroo ammaa balaa keessa jira jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading