• Tue. Jan 13th, 2026

Gamtaan Afrikaa lammiin Senegaal Faayeen filannoo pirezedaantummaa injifachuu isaatiif haala hoo’aan erga baga gammaddee dabarseef

Mar 30, 2024

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Gamtaan Afrikaa Jimaata kaleessaa kaadhimamaa mormituu Baasiroo Diyoomaayee Faayee filannoo pirezidaantummaa Senegaal irratti injifannoo galmeessaniin baga gammaddan jechuun ”bu’aa filannoo kanaa sagalee guutuun fudhatan jechuun jajateera.

Pireezidaantiin Senegaal filatame Basiroo Diyoomaayee Faayee Pirezidaantii aangoo gadhiisan Makii Saal waliin masaraa pirezidaantii Daakaar keessatti Bitootessa 28, 2024 wal arguuf dhaqanii turan.

Ibsa Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii kennaniin, Faayeen injifannoo marsaa jalqabaa ifatti labsuu isaatiin ”haala ho’aan baga gammadde jechuun, bara hojii fi karoora isaaf milkaa’ina hawwaniiru.

Akka bu’aa filannootti, Faayeen sagalee marsaa jalqabaa irratti dhibbeentaa 54.3’n ifatti kan injifate.

Manni murtii Heera Mootummaa Senegaal dhuma torbee dura Faayee injifataa ta’uu labsuun Ebla 2 dura Maakii Saal aangoo dabarsee kennuun xumura bara gadaa hojii isaa ni taasisa jedhamee eegama.

Faayeen nama ganna 44 Yoo ta’u, filannoo gaggeeffamuuf guyyoota 10 qofa dura mana hidhaa irraa bilisa ba’e.

Dargaggeessii gannaa 44 kun, torbaan dura mana hidhaa turee ba’uun filannoo pirezidaantummaa Senegaal injifatee biyya uummata miiliyona 18 qabdu pirezidaantii 5’ffaa ta’ee filatamuun isaa addunyaa dinqisiiseera jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading