• Sun. Mar 15th, 2026

Adaamaa Oduu Ammee – Hiriira deggersa Abiy Ahimed waggaa 6ffaa aangootti dhufuu sababeeffachuun dhaadannoo ‘Sabdabeessummaa Cimsuun Humna Waloo Ijaaruu’ jedhuun bulchiinsa magaalaa Adaamaa istaadiyeemitti uummatni dirqiin geeffame haasaa bilxiginnaa daqiiqaa 30 booda diigamee addaan faca’e

Apr 2, 2024

ONM-ABO Ebla 2, 2024

Hiriira deggersa Abiy Ahimed waggaa 6ffaa aangootti dhufuu sababeeffachuun dhaadannoo ‘Sabdabeessummaa Cimsuun Humna Waloo Ijaaruu’ jedhuun bulchiinsa magaalaa Adaamaa istaadiyeemitti uummatni dirqiin geeffame haasaa bilxiginnaa daqiiqaa 30 booda diigamee addaan faca’e.

Uummatni dubbii dabballotni bilxiginnaa kuulanii dubbatan mormuun karaa seensaa eegumsa cabsuun yaa’anii jiru.

Namootni istaadiyeemii keessatti hafan ergamtootaa fi uummata salfatee taa’aa jiru qofa.

Gocha uummataatti kan aaran kaabinoonni bilxiginnaa magaalaa Adaamaa uummatatti milishaa fi hidhattoota sirnichaa bobbaasuun reebsisaa jiru.

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading