ONM-ABO Ebla 3, 2024
Gidiraa hamtuu keessa kan jiru uummanni Oromoo murna bilxiginnaa jalatti gochaa isaanii malee qe’ee isaanii irratti maqaa WBO waliin hariiroo qabdaan achi buutee dhabamsiifamaa jira.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 1, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii ganda 03 keessatti jiraataa gandichaa kan ta’e, nama maqaan isaa Girmaa Jaarraa jedhamu hidhattootni kunneen mana isaa keessa seenuun erga sakkatta’iinsa geggeessaniin booda homaa dhabnaan sababa biraa barbaadachuun, qondaalli ABO Jaal Battee Urgeessaa soddaa keeti mitii? kanaaf yeroo walga’ii si waamnu hin dhuftu jechuun mana isaatii fuudhanii achi buutee dhabamsiisanii jiru jechuun maddeen ONM’tti himan.
Akkasumas ati dinagdeen dhaaba keenya utubaa hin jirtu, walumaagalatti deggaraa WBO’ti jechaanii akka turanis dabaluun himuun, gochi kun ta’e jedhamee isaa fi maatii isaa rakkoo keessa galchuuf karoorfatanii kan itti dhaqaniidhas jedhan.
Namni maanguddoo fi nama siyaasa keessaa hin qabne akkasumas jiruu idilee isaa geggefatu jechuun maddeen yoo himan, gochoonni maanguddoo kana irratti raawwatame magaalicha keessatti irra deddeebiin namoota biroo irrattis akka mul’achaa jiru ibsaniiru.

