• Wed. Nov 25th, 2026

Soomaaliyaan Ambaasaaddarri Itoophiyaa akka biyyatti gadhiisu ajajje

Apr 4, 2024

ONM-ABO Ebla 5, 2024

Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa, haala dhiheenya kana mul’ateen fi qajeeltoowwan abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo kabajuun tarkaanfiiwwan dippilomaasii hedduu jalqabuu isaa beeksise.

Murtoon kun murtee Manni Maree Ministirootaa gocha Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa, kan abbaa biyyummaa fi dhimma keessoo Somaaliyaa cabsu, deebii kennuudhaan dabarse hordofeeti.

Akka kanaan Soomaaliyaan hatattamaan Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa obbo Muktaar Mohaammad Waaree sa’aatii 72 itti aanan keessatti Somaaliyaa irraa akka ba’an beeksifameera.

Qoonsilaan Jeneraalaa Itoophiyaa Hargeessaa fi Gaarooweetti argamu guyyoota torba 7 keessatti cufamuu qaba jetteetti.

Ambaasaaddarri Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa Finfinnee irraa marii bal’aa akka taasifamuuf gara Moqaadishootti deebi’ee waamameera.

Tarkaanfiiwwan kunneen dantaa abbaa biyyummaa, tokkummaa, walabummaa fi qulqullina naannoo Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa eeguuf kan fudhatamaniidha jette Soomaaliyaan.

Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa biyyoota ollaa hunda waliin hariiroo nagaa eeguu fi guddisuuf kutannoo isaa cimsee kan itti fufu yoo ta’u, abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo wal kabajuun bu’uura hariiroo kanaa ta’uun barbaachisaa dha jechuun ibsa karaa ministeeraa haaja alaa ishee baasteen beeksteetti.

One thought on “Soomaaliyaan Ambaasaaddarri Itoophiyaa akka biyyatti gadhiisu ajajje”

Leave a Reply