• Sat. Mar 14th, 2026

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti gubaatiin manneenii fi reebichi waraana koloneel Abiy Ahimediin raawwatamu jabaate

Apr 6, 2024

ONM-ABO Ebla 6, 2024

Sagantaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhu qabatanii waraanni naamusa waraanaa fi safuu hawaasaa hin eegne baayinaan koloneel Abiy Ahimediin leenjifamuun bobbaafaman, guyyuu gochoota suukkaneessoo dhala namaaf hin malle Oromiyaa golee maratti raawwachaa oolu.

Hawaasa Oromoo dararuuf duubatti kan hin jenne bineeyyiin Abiy, manneen qonnaan bultoota hedduu godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti gubuu jabeessuun namoonni hedduun mana isaanii ala ta’uun, qabeenyi isaanii midhaan irraa eegalee jalaa saamamuu fi gubachuun yeroo ammaa rakkoo hamtuuf saaxilamanii jiru.

Guyyaa kaleessaa Ebla 5, 2024 magaalaa Maqii bakka Girrisaa Mazzooriyaa jedhamu keessatti namoota gara hojii isaanii deemaa jiran hidhattootni murna bilxiginnaa kunneen qabuun reebicha ulfaataa irratti raawwachuun du’aa fi jireenya gidduutti akka dhiisanis himan.

Namoonni reebichi irratti raawwatame kunneen maqaan isaanii Guutaa Jimaa fi Baatii Abbuu kanneen jedhaman yoo ta’an dargaggoonni kunneenis yeroo ammaa hospitaala magaalaa Maqiitti akka yaalamaa jiranis jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading