• Sat. Mar 14th, 2026

Ergamtoonni sirna bilxiqinnaa jiraattota godina Baha Shaggar irratti ajjeechaa fi saamicha jabeessanii jiraachuun dhagaa’ame

Apr 6, 2024

ONM-ABO Ebla 5, 2024

Kaabinoonni fi waraanni sirna PP ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabeenyaa raawwachuunii fi qabeenya saamuu, akkasumas manneen qonnaan bultoota Oromoo abiddaan barbaadeessee qe’ee uummatichaatti gadda haguuguun hojii guyya guyyaa PP’f ta’eera.

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Harooreettii jedhamtu keessatti maqaa WBO deggertuun qabeenyi uummataa alaa fi manattii osoo hin hafin waraana sirnichaan saamamuu jiraattoonni dubbatu.

Maqaan namoota qabeenyi isaanii saamamee kunis

  1. Shittoo Amanoo jalaa re’oota 4
  2. Mohaammad Tufaa jalaa re’oota 8
  3. Jamaal Tufaa jalaa re’ee 1
  4. Dhiittaa Waariyoo jalaa re’oota 2
  5. Abdurrahamaan Maammad jalaa re’oota 2
  6. Utuyyuu Sirrii jalaa hoolota 3
  7. Sulxaan Amad jalaa hoolota 3
  8. Waaqoo Boruu jalaa re’ee 1
  9. Ashaa Jimaa jalaa re’oota 3
  10. Sulxaan Jimaa jalaa re’oota 2
  11. Huseen Jimaa jalaa xaafii kuntaala 3
  12. Huseen Galatoo jalaa xaafii kuntaala 3
  13. Firaa’ol Abdusalaam jalaa qabeenya hunda dabalee qarshii 8000 kan saaman yoo ta’u, Amboo Abbaatuu jalaa ammoo qabeenya mana guutuu ibiddaan gubuun kaan immoo konkolaataatti fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godinichaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading