• Sat. Mar 14th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo bulchiinsa magaalaa Moxee irraa hidhamtoonni siyaasaa waraana maafi’aa PP’n baafamanii dhabamsiifamaa jiraachuun himame

Apr 8, 2024

ONM-ABO Ebla 8, 2024

Maqaa siyaasaan Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo qe’een irratti gubachuu, manneen hidhaatti dararamuu, saamichi daangaa hin qabne irratti taasifamuu fi ajjeefamuun waggoottan ja’an kana haalaan dagaaguun hawaasni garmalee hiraarfamuun jabaatee jira.

Akkuma kanaanis godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo jiraataa ganda Meettaa Komboo kan ta’e dargaggoo Addisuu Dirribaa jedhamu baatii darbe keessa qabamee aanaa Waamaa Hagaloo bulchiinsa magaalaa Moxee keessatti dararaa ulfaataan waraana gabroomsaa PP’n irratti raawwatamaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa mana hidhaa irraa baafamee achi-buutee dhabamsiifamuun himameera.

Gocha sobaa isin deggertoota waraana bilisummaa Oromooti, eeruu laattuuf, akkasumas hojii hordoffii taasistuuf jedhuun namootni aanicha keessatti jumlaan hidhamanii jiran danuu kan ta’an yoo ta’u guyyaa irraa guyyaatti baasanii ajjeesaa akka jiranis dabaluun dubbatu.

Murni maqaa ijaarsa impaayerattiin namoota nagaa ajjeesuun gadaa aangoo isaa dheereffachaa jiru bilxiginnaan adda durummaan milishoota gaachana sirnaa jechuun leenjiise kanaanis namoota hiraarsaa akka jirus jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading