ONM-ABO Ebla 9, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa kaleessa Ebla 8, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Muunessaa ganda Heeban Dhubboo keessatti waraana maafi’aa PP maqaa sakattaa WBOtiin yaatu haxxee itti hidhuun adabee jira.
Tarkaanfii haxxee itti hidhuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheesse kanaan korommiiwwan Kibba Baha Oromiyaa jajjabeen WBO waraana diinaa irraa hedduu ajjeesee gariin madeessuun ari’ee of duuba deebisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
