ONM-ABO Ebla 10, 2024
Bilxiginnaan fayyaan dhala namaaf bu’uura waan hundaa ta’uu hubachuun hawaasa Oromoo siyaasaan mo’achuu dadhabuun yeroo ammaa bakkeewwan hedduutti qorichoota irraa kutuun haadholii ulfaa fi daa’imman rakkoo fayyaaf saaxilamanii jiraachuu himatu.
Murni bilxiginnaa hawaasa fayya qabeessa gochuuf qoricha dhiyeessuufii osoo qabuu dhibdee siyaasaa maqaa dha’achuun hawaasa hundumaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun hiraarsaa akka jirus dubbatu.
Bifuma kanaanis Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Joogir buufata fayyaa keessaa kaadiroonni sirnichaa qoricha baasuun manneen qorichaa dhuunfaatti gurgurachaa akka jiran maddeen himan.
Kanumaan kan wal-qabates hawaasni mana yaalaa mijataa dhabuu fi hanqina maallaqaa manneen yaalaa dhuunfaatti yaalamuuf isaan mudateefis kanneen lubbuu dhabaa jiran danuu akka ta’an barameera.
Kaffaltii inshuraansii fayyaa kaffalanii osoo jiranii jiraattonni rakkoo hanqina qorichaa fi kenniinsa tajaajilaa mana yaalaa keessatti kennamuuf dhabuu irraan kan ka’e dubartoonni ulfaa fi daa’imman rakkoo ulfaataa keessa akka jiranis dabaluun himaniiru.




