• Wed. Jan 14th, 2026

Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa fi Dhumaatii Oromoo Walloo Ilaalchisuun (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Apr 12, 2024

Uummatni Oromoo erga xumura jaarraa 19ffaa sirna gita bittaa habashoota jalatti afaan qawween kufee ajjeechaan qe’ee isaa irraa osoo hin dhaabbanne jaarraa 21ffaa qaqqabee jira. Moototni impaayerattii itti fufsiisuuf gosa kam keessaa ba’anis dhugaa Oromoo kallattii seera qabeessaan deebisuu irra qaamota hawaasa dura bu’an mataa ykn hoggantoota saba ajjeesuun Oromoo geggeessaa fi abbaa mul’ataa dhabsiisaa asi ga’anii jiru.

Har’as gocha isaanii kana dhaabuu diduun warreen TPLF/EPRDF jalatti akkaataa nama ajjeesuu fi dhabamsiisuu baratan sana guddifachuun garee ajjeesaa maqaa Koree Nageenyaa jedhu, kan Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed hanga pirezidaantii Oromiyaa Shimallis Abdiisaa haammateen geggeeffamu, kan dhaabbanni oduu idil addunyaa Rooyiters qoratee gabaaseen ajjeechaan namoota bebbeekamoo Oromoo irratti raawwachaa jira. Akka kanaanis Kibxata Ebla 9, 2024 godina Baha Shaggar magaalaa Maqii keessatti Qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa Bulaa bakka isaan mana ciisichaa qabatanii bulaa jiranii halkan gadi baasuun rasaasaan ja’an magaaluma Maqii naannoo Marfata Girrisaatti ajjeesanii gatuun du’aan isaanii harki dugda duubatti hidhamee argame.

Gochi kun bara Abiy Ahimed keessa ajjeechaa aartist Haacaaluu Hundeessaa, Abbootii Gadaa Karrayyuu fi kanneen biroo dabalatee itti fufuun har’a hoggana karaa nagaan ejjennoo isaa ibsatu qaroo, murataa fi abbaa mul’ataa Oromoo dhabsiisuu irra ga’uun, egereen hoggantoota Oromoo kanneen biroos balaa keessa galuu nama agarsiisa.

Murni kun ajjeechaa waraana isaa fi humnoota finxaalessaa Amaaraan Oromiyaa keessatti raawwatutti dabalatee uummata Oromoo marfata alagaa jala jiru Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti yeroo sooma Raamadaanaa ta’e jechuun humnootni bilxiginnaa fi finxaaleyyii ajjeechaa fi qe’ee isaanii gubuu raawwatanii jiru.

Kanaaf, uummatni Oromoo carraa badiisaa fi saalfiin taa’ee ilmaan isaa awwaalee hidhii xuxuu irra tokkummaan falmatee mirga isaa kabaachiisuu qaba jechuun akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti ejjennoo keenya calaqqisiisna. Kana irratti hundaa’unis uummatni keenya, Qeerroo fi Qarreen diddaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo waame kan Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa xiyyeeffatu keessatti akka hirmaattan dhaamsa keenya gadi jabeessinee dhaammanna.

Ebla 13, 2024 galgala sa’atii 12:00 kaasee hanga xumurri isaa labsiin deebi’ee ka’utti uummatni Oromoo ajjeechaa seermalee Jaal Battee Urgeessaa fi akka sabaatti Oromoota Walloo dabalatee taasifamaa jiru balaaleffachuun labsii haqaa hogganaa Oromoo kanaa fi ilmaan Oromoo biroof gaafachuun haqni kun akka argamuuf dhiibbaa isaa jabeessee taasisuu qaba.
Uummatni tokkoome sagalee waan qabuuf duuti ilmaan keenya nu jalatti fixaa jiru akka dhaabbatuuf murna bilxiginnaa irratti diddaa jabeessuun barbaachisaadha jennee amanna, jajjabeessinas.

Diddaa Uummataa ajjeechaa Qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa fi akka sabaatti ajjeechaa sukkanneessaa Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffachuun taasifamu kana keessatti wantootni dhorkaa ta’an:
– Sochiin geejjibaa Oromiyaa keessas ta’e Oromiyaan ala naannoolee waliin wal qunnamsiisu kamuu hin jiru (doqdoqqee kaasee hanga konkolaattota gurguddaatti )
– Sochiin daldalaa hin jiru (dukkaanni cufaadha, gabaan hin jiru )
– Manni barumsaa cufaa dha
– Hojiin mootummaa cufaa dha
– Baankiin, teeleen cufaa dha
– Hiriirri mormii akkaataa mijateen ni geggeeffama
– Uffatni gurraachi uffatamee harkati huccuun adiin hidhama.
Tarkaanfiin olitti tuqame Oromiyaa keessatti yeroo geggeeffamu, Oromoota biyya ambaa jiraataniin ammoo;
– Hiriirri mormii fi balaaleffannaa biyyoota keessa jirtanitti waajjira mootummaa biyyichaa fuulduratti ni ba’ama.
– Uffata gurraacha uffachuun, harkatti adii hidhachuun, suuraa Jaal Battee fi ajjeechaa uummata Oromoo Walloo fi Oromoota maraa ilaalchisuun suura qabachuun balaaleffannaa sirna bilxiginnaa irratti dhaadannoon dhageessifama.
– Waraqaa mormii waajjiraalee biyyattii dhimmi ilaallatu galfama.

Abbootiin qabeenyaa fi konkolaachistootni waamicha Oromummaa kan dhiigni dhiigaaf dhiigu qaba jedhu fudhattanii akka mana turuun waamicha kabajjan cimsinee isin beeksifna.

Uummatni keenya bal’aanis waamicha taasifame hubachuun waan bitattan bitachuun mijeeffattanii mana keessan keessa turuun Diddaa Uummataa kanatti akka hirmaattan, akkasumas balaa sochiin wal qabatee uumamu irraa akka of oolchitan jenna. Qeerroon Bilisummaa Oromoo bakkoota adda addaa uummata keenya karaa nagaan dammaqsuun diddaaf hiriirsuu malee humnaan namummaa fi qabeenya isaa irratti tarkaanfii fudhachuun yakka ta’uu hubattanii naamusa qabsoo karaa nagaan masakamtanii akka geggeessitan dhaammanna.

Hanga Lagannaan Gabaa fi Uggurri Geejjibaa kun seera qabeessaan akkuma jalqabuun isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaan ibsame ka’uun isaa seera qabeessaan karaa ONM-ABO ibsamutti labsiin kun hojii irra jiraachuu hubachuun burjaajii PP fi warreen biroon kallattii adda addaan uumuun diddaa uummataa danquuf deemaniin akka hin jeeqamne jenna.

Tokkummaan Humna!
Awwaallee Gallee Hin Boonyu!
Dhiigatu Dhiigaaf Dhiiga!

DiddaaUummata

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Injifannoon Uummata Oromoof!

Ebla 12, 2024
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading