• Tue. May 12th, 2026

Ajjeechaa rifaasisaan Oromiyaa keessatti raawwatamu jabaatee itti fufe

Apr 14, 2024

ONM- ABO Ebla 12, 2024

Godinaalee Oromiyaa Gujii, Wallaggaa fi Giddugaleessa Oromiyaa keessatti ajjeechaan raawwatamu koree sirnichi ijaaree uummatatti bobbaaseen marartee tokko malee raawwatamaa jira.

Guyyoota lamaan kana jechuun Ebla 10-12’tti godina Gujii keessatti dargaggoon Mangistuu Boruu Dukkullee yoo ajjeefamu Lixa Wallaggaatti Zarihuun fi Abbittii Kan jedhaman ajjeefamuun isaanii beekameera.

Akkasumas, kaaba Shaggar aanaa Darraa dabalatee bakkeewwan hedduutti ajjeechaan jumlaa hidhattoota sirnichaan geggeeffamu itti fufee jiraachuus maddeen ibsan.

Oromiyaa keessatti ilmi namaa hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun guyyuu hidhattoota sirnichi bobbaaseen akka baalaa harca’aa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading