ONM-ABO Ebla 14, 2024
Uummatni Oromoo bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo diddaa murna garboomsaa kamuu irratti geggeessaa turuun wal nama hin gaafachiisu.
Haa ta’u malee yeroo sochii gantootni fi abbootiin garaa qabsoo Oromoo danquuf hojjetaniin sochiin magaalichaa laaffataa jiraachuun sabboonummaa magaalichi ittiin beekamu balleessaa jira.
Kanaafuu uummanni Oromoo magaalichaa du’aatii akka sabaatti keessa jirruu fi uummanni magaalichaa addatti gatii kafalaa jiruuf qabsoo keessan jabeessuun filannoo hin qabu.
Gantootni magaalicha ammoo adaba godhadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniiruuf.
