• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti namoonni lama waraana faashistii PP’n rukutamuun tokko yoo ajjeefamu, tokko ammoo madaa’uun dhagaa’ame

Apr 20, 2024

ONM-ABO Ebla 16, 2024

Murni bilxiginnaa sochii dargaggoota Oromoo dhabamsiisuun impaayera Itoophiyaa utubee dhaabuuf jecha ol adeemtota ilmaan Oromoo adamsee ajjeesuu fi gariin rasaasaan rukutee madeessuu irratti argama.

Bifuma kanaan  Ebla 8, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti dargaggoota lama waraanni faashistii PP maqaa sakatta’insa waraana Bilisummaa Oromoon ganda  Boojjii Gaara Arbaa jedhamutti dargaggoo Bultii rasaasaan rukutuun kan ajjeesan yoo ta’u, kan madaa’e ammoo maqaan isaa nu hin ga’in jira.

Dargaggoo Bultiin dhalootaan aanaa Mana Sibuu ta’uun kan himamuu fi hojiif gara aanaa Qondaalaa akka deeme dabaluun dubbatu.

Aanicha keessatti sababa waraanni faashistii PP ajjeechaa, saamichaa fi gudeeddii hammeessaniif uummanni yaaddoo lubbuun jiraachuu keessa seenuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading