• Fri. Jan 2nd, 2026

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti galmi Waaqeffannaa gubachuu fi qabeenyaan yoo saamamu, aanaa Dugdaa keessatti saamichi jabaate

Apr 22, 2024

ONM-ABO Ebla 20, 2024

Duudhaa, aadaa, amantii fi eenyummaa uummata Oromoo dhabamsiisuuf murni bilxiginnaa waraana isaa hawaasatti bobbaasee qe’ee fi qabeenyaa hawaasa Oromoo dabalatee bakka namootni dhimma waloof itti argamu mancaasuu itti fufee jira

Ebla15, 2024 Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Daalota Maatii keessatti galma seena qabeessa kabajamaa fi beekamaa Maalaloo Dabalee (abba Gannaa)waraana faashistii PP’n gubachuun himame.

Galma guddaa cinatti kan argamu kuusaan midhaanii, xaafii kuntaala 50, Boqqolloo, Baaqelaa, Boloqqee walitti kuntaala 30, qamadii kuntaala 30, uffannaa Gaabii 100 ol, uffannaa kan aadaa kutaalee hundaa hammate 50, Dibaabee halluu garaagaraa 80 saamuu fi gariin ammoo ibiddaan gubuun barameera.

Maallaqa hawaasni galataaf kuufate miliyoonaan lakkaa’amu, meeshaalee aadaa Oromoo Eeboo, gaachana, Bokkuu fi kanneen kana fakkaatan dabalatee hedduu akka saaman beekameera.

Mana obbo Faanoo Badhaadhaa nama jedhamus maanguddoo ganna 90 jalaa mana qabeenyaa keessa jiru waliin guutummaatti gubaniiru.

Oduu saamichaan wal-qabatuun aanaa Dugdaa keessaa manneen jiraattootatti waraanni faashistii PP ol itti seenuun meeshaalee mana keessaa faayaalee adda addaa hedduu yoo saaman qarshii barattoota kutaa 12’ffaa kuma afurtama barataa Roobaa Dagaagaa jedhamu harkaa  fudhachuun beekameera.

Barataa Roobaa reebuun miidhaa qaamaa ol’aanaa irraan erga ga’aniin booda bulchiinsa magaalaa Maqii akka geessanis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading