• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa fi Surroo Barguudaatti diina du’aa fi madoon adabe

Apr 22, 2024

ONM-ABO Ebla 19, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Kibbaa  konyaa Gujii Lixaa aanaa Galaana ganda Giwwee bakka adda Tafficha jedhamutti kaleessa Ebla 18 humna PP kan saamicha, gudeeddaa fi ajjeechaa jumlaan uummata Oromoo hiraarsaa turte irratti tarkaanfii laaleessaa fudhateen loltoota 18 ol yemmuu irraa ajjeesu, 15 ol madoo dandammii hin qabneen adabe jira.

Madoon loltoota bilxiginnaa  hospitaala magaalaa Diillaatti  yaalama akka jiran mirkaneeffachuun danda’ameera.

Guyyuma kana  halkan keessaa sa’a 5:00  irratti aanaa Surroo Barguddaa ganda Harrattuu Haaraatti tarkaanfii waraana PP irratti fudhateen magaalicha keessaa ari’ee baasuun tikoota bilxiginnaa 2 harkaan qabee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading