ONM-ABO Ebla 23, 2024
Impaayerri Itoophiyaa baroota hedduuf uummata nagaa loluun dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasuu fi qabeenyaa jiraattootaa dhabamsiisuun qe’ee hawaasa Oromootti yakka seenaa fi seeraan nama gaafachisu dalaguu irratti argama.
Bifuma kanaanis Ebla 22, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu bakka addaa Gaja’aa jedhamu keessaa manneen qonnaan bultootaa 6 ol hidhattoota sirna bilxiginnaan gubachuun akka manca’etu himama.
Namoota manneen jalaa gubate maqaan isaanii muraasni kan nu ga’e Obbo Dhinsaa Nugusee, Obbo Dassalee Tigiree, Obbo Akkumaa Itichaa, Obbo Gabayyoo Gannatii mana lama fi Obbo Abarraa Gabayyoo kanneen jedhaman fi namoonni maqaan nu hin geenyes akka jiran jiraattonni himaniiru.
Raafamni siyaasaa impaayerattii mudatee jiru jiraattota nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa walaba ta’an irratti dhiibbaa siyaas-dinagdee uumuun hawaasni Oromoo yaaddoon qe’ee isaa irra akka jiraatus godhee jira jechuun jiraattonni ONM’tti himaniiru.


