• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti namni tokko yoo ajjeefamu, Giddaa Ayyaanaa keessatti ammoo nama tokko madeessuun dhagaa’ame

Apr 23, 2024

ONM-AB Ebla 20, 2024

Gareen ergama badii qabatee socho’u hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa homaa hin qabne hidhuu fi ajjeesuun sodaachisu maqaa jedhuun jiraattota irratti duguuggaa sanyii geggeessaa jira

Bifuma kanaanis Ebla 19, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Haroo Shaakkoo keessatti waraanni maafi’aa PP yakka tokko malee Jiraataa gandichaa kan ta’e  Gammachuu Qinaaxii nama jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun himame.

Waraanni ganda Haroo Shaakkoo keessatti sochii taasisan ajjeechaa raawwataniin cinaattis saamicha qabeenyaa fi dhiittaa mirgoota namoomaa adda addaa jiraattota irratti akka geggeessanis beekameera.

Oduu biraatiin ammoo aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Jaangir bakka addaa Walabaa jedhamu keessatti Ebla 18, 2024 mana obbo Warquu Adulaa waraanni maafi’aa PP ol itti seenuun meeshaa isaan finxaaleeyyii Amaaaraa ittiin of irraa qolatan AKM 1 harkaa fuudhuun sangoota isaa 6’s jalaa akka saaman maddeen himan.

Dabalataan ammoo obbo Margaa Nagaraa nama jedhamu reebichaan harka isaa cabsuu fi rasaasaan rukutanii kan madeessan yoo ta’u, haadha warraa isaa irraanis miidhaa qaamaa guddaa irraan ga’uun meeshaa isaa qawwee kilaashii  tokko jalaa fudhanii gara aanaa Eebantuutti geessanii hidhuun beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading