• Thu. Nov 12th, 2026

Hanqina baajataa Yuuniversitii garaa garaa mudateen barattootaaf nyaata dhiyeessuun akka isaan rakkisu ibsaa jiru

Apr 24, 2024

ONM-ABO Ebla 23, 2024

Rakkoo dinagdee sababa waraanaan impaayera Abiy Ahimed mudateen bu’uraaleen misoomaa dhaabbachuu bira darbee, misoomni humna nama egeree impaayerattii barattootni yuuniversitii nyaata ga’aan dhaabbilee isaanii irraa dhiyaachuu dhabuun rakkoo keessa seenanii jiru.

Rakkoon kun kan bubbulee fi Yuuniversitiileen waliin rakkachaa kan turan yoo ta’e, amma garuu dhiibbaa hanqinni baajataa isaan irratti uume ifatti ibsuun barattootaaf nyaata ga’aa dhiyeessuu akka hin dandeenyee fi fala biroon akka gadi dhufan beeksisa baasuun barattoota mooraaf ifoomsanii jiru.

Yuuniversitiin Diillaa fi Walaayittaa Sooddoo rakkoo hanqina baajetaa isaan mudate barattootaaf ibsuun kallattii biraa akka akeekaniif eeraniiru. Akkaataan nyaataa Yuuniversiitiileen kun ittiin dhufan kun guyyaatti sadii irraa gara lamaatti gadi buusuu yookiin ammoo gosa nyaataa hir’isuu ta’uu mala jechuun barattootni yaaddoo qaban ibsachaa jiru.

Rakkoo hanqina baajataan dhiyeessii nyaata barattoota idilee Yuuniversitii mudatee jiru ilaalchisuun barattootni Yuuniversitii Wallaggaa mormii guyyaa kaleessaa dhageessisaniiru.

Yuuniversiitileen maqaa caalbaasii nyaataa dhiyeessuun namootaa beekanii fi firoota isaaniif carraa kennaniin maallaqa miliyoonota hedduu wal nyaachisuun jireenya qananii keessa yeroo jiraatan barattootni garuu rakkoo keessa galanii jiru.

Yuuniversitiileenis yeroo lola Tigraay maallaqa nyaata barattootaa irraa kutuun lola murni bilxiginnaa Tigraay irratti geggeessee akka waan deggersa uummataa qabuutti fakkeessuun miliyoonotaan raayyaa impaayerattiif ergaa turan.

Yeroo hanqinni baajataa misooma dhabee akkasumas nyaata barattootaa rakkisaa jiru kanatti Koloneel Abiy Ahimed qarshii biiliyoona 10 qabna taanaan hunda isaa misooma dhiisnee waraana irra oolchina jechuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply