• Sun. May 5th, 2024

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessaa manneen jiraattotaa waraana faashistii PP’n gubate

Apr 25, 2024

ONM-ABO Ebla 24, 2024

Olaantummaa qawwee keenyaan  impaayera Itoophiyaa ijaarra jechuun murni bilxiginnaa siyaasa sanyii tokkoof dhaabbatu erga gad-dhaabee kaasee dararaa ilmaan Oromoo irratti taasisaa jiran jabeessuun qe’ee saba Oromootti gaddaa fi gadadoo uwwisaa jira.

Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa  ganda Hafaa Raasaa fi Hafaa Qamalee keessatti Ebla 23, 2024 waraanni faashistii PP maqaa sakattaa WBO jedhuun bobba’an manneen jiraattota lamaa gubuun beekameera.

Namoota manneen isaanii jalaa gubate maqaan isaanii obbo  Badhaasaa Guutaa fi obbo Fittaalaa Boochee kanneen jedhaman qabeenyaa isaanii midhaanii fi mana keessa bulan guutummaa guutuutti gubuun barbadeessaniiru.

Maatiin manni isaanii jalaa gubates bakka da’oo dhabuun yeroo ammaa ilmaan isaanii waliin jireenya baqaaf saaxilamanii jiraachuun himameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading