• Tue. Jan 13th, 2026

Chaayinaan imala gara Beejiingitti ta’uun dippilomaatii olaanaa Ameerikaa waliin dhimmoota gurguddoo 5 ni kaasti jedhamee eeggama

Apr 25, 2024

ONM-ABO Ebla 24, 2024

Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antony Bilinken daawwannaa guyyoota 3’f Roobii har’aa Beejiing ni ga’u jedhamee eegama.

Hooggantoonni Chaayinaa ministeera haajaa alaa Ameerikaa Antony Blinken waliin wal arguun, humnoonni gurguddoon lamaan garaagarummaa isaanii akkamitti bifa bu’a qabeessa ta’een akka bulchan dabalatee dhimmoota hedduu ni kaasu jedhamee akka eegamu miidiyaaleen mootummaa Kibxata kaleessaa gabaasan.

Dippilomaatiin olaanaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa galmoota gurguddoo shan Chaayinaan irratti xiyyeeffatte ni kaasu jedhamee eeggama.

Daawwannaa ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Antony Bilinken gara Chaayinaatti godhuun, marii cimsuu, garaagarummaa xiqqeessuu, tumsa wal-fayyadu guddisuu fi itti gaafatamummaa biyyoota gurguddoo waliin ta’uun fudhachuu fa’a jedhamee eeggama.

Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa akka jedhetti, Bilinken daawwannaa kana kan raawwatan affeerraa gita isaanii Chaayinaa Waang Yiitiin waliinii jedhan.

Qondaalli kun akka jedhanitti, walga’ii hooggantoota mootummaa lamaan booda hariiroon Beejiingii fi Waashingitan gidduu jiru yeroo kufaatii booda tasgabbaa’uu mallattoo agarsiisaa jira jedhu.

Prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden fi gita isaanii Chaayinaa, Jiin Jinping yeroo darbe Saan Firaansiiskootti walga’uun walga’ii qunnamtii waraanaa fi qunnamtiin “ifaa fi banaa” dhaabbilee ittisaa gidduutti akka deebi’ee eegaluuf karaa saaqanii turan.

Itti dabaluudhaanis balballi marii fi qunnamtii Chaayinaa yeroo hunda banaa ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas gaaffiin Taayiwaan hariiroo Chaayinaa fi Ameerikaa keessatti sarara diimaa isa jalqabaa fi isa duraa ta’uu ibsaniiru.

Taayiwaan qaama Chaayinaa yoo taatu, gaaffiin Taayiwaan dhimma keessoo Chaayinaati jedhanii akka dubbatan Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading