• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti hidhaan yoo jabaatu, aanaa Kiiramuu keessatti ammoo garee finxaaleeyyiii Amaaraa Faannoon ajjeechaan raawwatame

May 4, 2024


ONM-ABO Ebla 30, 2024

Murni faashistii PP uummata nagaa hidhuu fi hiraarsuu qofa danda’u Ebla 28, 2024 aanaa Guutoo Giddaa keessaa namoota ugguruun bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 07’tti hidhanii akka jiran himame.

Namoonni yakka isaanii malee hidhaman danuu ta’uun kan himamu yoo ta’u, kanneen maqaan isaanii nu ga’e, Boonsaa Araruu, Dirribaa Waaqjiraa fi Dastaa Wiirtuu kanneen jedhaman badii tokko malee qabamuun rakkoo ulfaataa argaa jiraachuun beekameera.

Oduu biraatiin ammoo aanaa Kiiramuutti finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon waraana sirna bilxiginnaa waliin waltumsuun maanguddoo biyyaa nama maqaan isaanii obbo Biqilaa Sanyii jedhamu ganda Caffee Guddinaa bakka addaa Qolaadii jedhamutti Ebla 26, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii akka gatan barameera.

Maanguddoon ajjeefame kunis reeffi isaa guyyaa lama bakkee bulee Ebla 28, 2024 akka awwaalame jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading