• Thu. Mar 12th, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti hidhaan daa’ima waggaa 10 dabalatee yoo raawwatu, saamichis geggeffame

May 4, 2024


ONM-ABO Ebla 27, 2024

Sirni ilmaan namaaf naasuu hin qabne bilxiginnaan xiqqaa hanga guddaatti namoota dadhaboo dabalatee loltoota isaa itti bobbaasuun sarbamiinsa mirgoota namoomaa fi saamicha irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan gaafa Ebla 24, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Gobbii Jaarii keessatti hidhattootni magaalaa Ashii irraa gara gandichaatti bobbaafaman daa’ima umriin 10 ta’e maqaan isaa Leellisaa Misgaanuu jedhamu kan abbaa isaa roorroon manaa baaftee bakkee keessa jiraatu qabanii jalaa hidhuun beekame.

Gandichuma keessaa namoota hedduu jalaa qabeenyaa isaanii saamuun gariin yoo hidhan gariin ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuu jiraattotni ONM’tti himan.

Itti dabaluun, Luba Simoon Bayyanee, Habtamuu Taaffasaa fi Malkamuu Gannatii kanneen jedhaman irratti saamichi qabeenyaa daangaa hin qabne midhaan irraa qabee hanga maallaqaatti irratti geggeeffamuus jiraattotni himan.

Akkasumas gandoota kanneen keessaa namoota nagaa irratti manneen isaanii diigamuun qe’ee isaanii irraa akka baqatan taasisanii jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading