• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn godina Gujii Lixaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

May 4, 2024

ONM-ABO Ebla 29, 2024

Irree fi gaachana ummata Oromoo kan ta’e WBOn, Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaa jedhamutti tarkaanfii guyyaa har’aa fudhaten waraana faashistii PP irraa hedduu du’aa fi madoon adabuun loltoota sirnicha tiksuuf bobbaafaman afur jiraa harkan qabeera.

Tarkaanfii laalessaa fudhate kanaanis qawwee AKM afur dugda diinaa irraa hiikuun galii qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira. Warreen jiraa booji’aman keessaa:

  1. Alii Hasaan – miseensa humna addaa
  2. Waaqoo Hoxxessaa bulchiinsaaf nageenyaa ganda 02
  3. Shabbaraa Lolee- Hogganaa tikaa.
  4. Girmaa Waaree-Milishaa ganda Garbaa ta’uun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply