ONM-ABO Ebla 26, 2024
Dararaan yeroo irraa gara yerootti bulchiinsa abbaa irree impaayera Itoophiyaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu daran jabaatee jira.
Saba Oromoo xiqqaaf guddaa osoo hin jedhin hidhaa, ajjeechaa fi saamichaan dararaa agarsiisaa jiru murni faashistii PP kan yeroo kamuu caalaatti namoota nagaa qe’ee isaaniirraa qabee hidhaatti galchuun rakkisaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Haaluma kanaan Ebla 24, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaa keessatti maanguddoo ganna 80 kan maqaan isaanii Obbo Shibbiruu Guyyee jedhamanii fi dargaggoo maqaan isaa Hasan Hajii jedhamu mana isaanii irraa qabuun waajjira poolisii magaalaa Dodolaa keessatti hidhuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ifoomsan.
Maanguddoon kun bara bulchiinsa TPLF keessas hidhaan dararamaa kan turan yoo ta’u, ammas bulchiinsa nama nyaataa bilxiginnaan miidhamaa jiraachuu kan nuuf himan jiraattoonni, namni kun yakka dalageef ykn ammoo siyaasa hordofeef osoo hin taane Oromummaa isaanii qofaaf dararaa kana hunda argaa jira jechuun jiraattoonni onichaa ONM’tti himan.


