• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa Magaalaa Dongoroo keessatti barataan tokko waraana faashistii PP’n ajjeefame

May 6, 2024

ONM-ABO Caamsaa 6, 2024

Ol adeemoo lafarraa duguugee kan fixaa jiru bulchiinsi impaayera Itoophiyaa humnoota baratanii fi hawaasni abdii isaa irra godhatu hundumaa yakka tokko malee ajjeesuu irratti bobba’ee loltoota isaan raawwachaa jira.

Haaluma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Dongoroo keessaa waraanni maafi’aa PP barataa Qajeelaa jedhamu badii tokko malee Caamsaa 04, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Qajeelaan barumsaaf magaalaa Naqamtee kan ture yoo ta’u, Ayyaana sooma hiikaa kiristaanaa kana maatii isaa waliin kabajuuf gara manaatti akka galee fi hiriyoota isaa biraa waraana maafi’aa PP’n qabamee ajjeefamuun himama.

Hirmaannaa siyaasaa tokko malee ol adeemaa, nama gaarii, safuu hawaasaa eeguu fi dargaggoo jaallatamaa kana gara jabina waraana sirnichaan akka ajjeefames dabaluun himaniiru.

Yeroo ammaa uummanni Oromoo abbaa fi ilmaan wal arguuf illee hedduu dhiphachaa akka jiranii fi manaa ba’uun hedduu rakkoo ta’uun hidhaa fi ajjeechaan namoota nagaa irratti akka raawwachaa jiru jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading