• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Jimmaatti qonnaan bultoonni fi daldaltoonni rakkina hamaa keessa jiraachuun beekame

May 7, 2024

ONM-ABO Caamsaa 6, 2024

Akkuma Oromiyaatti sirni bilxiginnaa qotee bulaa dararuu itti fufuun, godina Jimmaatti ammoo addumaan ija baasee dararaa takkaa taasisee hin beekne mul’isuun qotee bultoota qe’ee fi qabeenyaa isaanii irratti hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Raayyaa ittisa impaayerattiif deggersa akka godhaniif kan gaafataman qotee bultoonni fi daldaltoonni godinichaa qotee bulaan qarshii 1000-2000 fi daldalaan ammoo qarshii 2000-5000 akka kaffalaniif dirqamsiifamaa jiru.

Namni qarshii jedhame hin laanne ammoo “deggeraa WBO’ti” jedhamee hidhamaa waan jiruuf sodaa cimaa akka qaban jiraattonni dubbisne himan.

Gatiin boqqolloo bara darbee KG 12.5 qarshii 200 ture, baranammoo qarshii 1500 ga’uun karaa Waldaa Gamtaan dhoksamee daldaltootatti gurguramuun qotee bulaan ooyiruu fi daa’imman isaanii agabsuu irra hanga qarshii 5000’tti dhoksaan bitaa jiru jedhan.

Dabalataanis, dargaggoota Oromoo gara waraanaa geessuuf uummata hiraarsuu itti fufanii jiraniin, hawaasni yoo ilmaan isaanii gara dirree waraanaa hin erginu jedhan, qarshii 20,000 akka adabamaniif tumni irratti tumamee jiraachuus himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading