• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Amboo keessatti namoota hidhuun jabaate

May 7, 2024

ONM-ABO Caamsaa 6, 2024

Araada hawaasa nagaa hidhuu fi hiraarsuu kan qabu qaamni impaayera Itoophiyaa maqaaf bulchaan jira jedhu manneen hidhaa keessatti doorsisaa fi dararaa ulfaataa ilmaan Oromoo irratti taasisan jabeessanii itti fufanii jiru.

Lixa Shaggar aanaa Amboo keessaa nama maqaan isaa ‘Geetushaa Olii’ jedhamu obboleettii isaa waliin gaafa Caamsaa 01,2024 kan qaban yoo ta’u, sababa Oromummaa isaanii qofaaf badii tokko malee akka hidhaman jiraattonni gandichaa ONMtti himan.

Jiraattonni godina Lixa Shaggar dhiittaa mirgoota namoomaa fi hiraarfama sirnichi irratti gochaa jiruun hedduun bakkeewwan itti dhalatan gadhiisuun iddoo biraatti godaanaa akka jiranis himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading