• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti dargaggoonni dirqamaan dirree waraanaatti guuramaa jiraachuun dhaga’ame

May 12, 2024

ONM-ABO Caamsaa 8, 2024

Waraanni faashistii PP baadiyyaa Oromiyaa keessa deemuun qeerroo Oromoo ukkaamsuun gara waraanaatti guuraa kan jiru godina Lixa Harargeetti ajajaan milishaa aanaa Shanan Dhuugoo obbo Zakiyyuu Abdallaa kan jedhamu milishoota isaa bobbaasuun araddaa Quufaansiq jedhamtu keessatti dirqamaan ijoollee waggaa 18 gadii hunda gara waraanaatti guuraa jira.

Qaama miidhamtoota irraa kan hafe namoonni hundi akka gara waraanaatti duulan jechuun dirqamsiifamaa jiraachuu fi qeerroo hedduu ugguranii kan jiran ta’uu ONM odeeffateera.

Dabalataanis, waraanni mootummaa gabroomfataa kun ijoollee Oromoo achi buutee kan dhabamsiisuu bare, qe’ee fi maatii isaanii irraa namoota hedduu hordofanii hidhuu fi dhabamsiisaa akka jiranis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading