ONM-ABO Caamsaa 7, 2024
Murni abdii hin kutanne bilxiginnaan kan lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dadhabe hololaan cabsuuf jecha yeroo irraa gara yerootti maallaqa guddaa baasuun hanga rifeensa namtolchee itti hojjechuun WBO fakkeessee uummata Oromoo irratti gochoota WBO hin ibsine raawwachisaa turee fi itti jiruutti amma illee duula sana akkuma itti fufetti jira.
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo xureessuuf dargaggoota fedhii isaanii malee dirqiin butanii leenjii basaasummaa kennuufiin rifeensa nam-tolchee itti hojjechuun, maqaa WBO’n qe’ee uummataa keessa deemuun saamicha, ajjeechaa, gudeeddii, fi kkf raawwachuun WBO fi uummata Oromoo wal jibbisiisuuf gocha waggoota ja’an darban aangoo irra turuuf bilxiginnaan hojjechaa ture har’as jabeessee jira.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Baatee keessatti Kantiibaan magaalaa Baatee Sa’id Mohaammed Sa’id Urunguu jedhamu dargaggoota mana amantaa, mana barumsaa, manneen puulii fi bakka hojii isaaniitii qabuun dirqamaaf barbaadamtu jechuun leenjii basaasummaa kennaafii akka jiran eeruun keessoo isaaniitii nuuf kennaniin ONM beekuu danda’eera.
Namoonni magaalaa Baatee keessatti leenjiin basaasummaa kennameef kunis maqaan isaanii Sa’id Adam, Abubaker Huseen, Kaalid Kichuu, Hamzaa Alii, Mohaammed Adam, Elhaam Mohaammed, Abduu Mohaammed, Meerkuurii Hahuu, Mohaammed Abduu, Mustee Dheebisaa kanneen jedhaman leenjiin basaasummaa kennameefii jira.
Namoota leenjii kana dirqiin fudhatan keessaa nuti saba keessaa dhalanne irratti gochaa diinummaa hin hojjennu jechuun didanii namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu ga’e Sa’id Adam, Abubaker Husseen, Kaalid Kichuu, Hamzaa Alii kanneen jedhaman ta’uu fi namootni kunneen waan seeraa fi seenaan nu gaafatu hin dalagnu jechuun magaalaa Baatee keessatti hidhamanii akka jiran jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

