ONM-ABO Caamsaa 8, 2024
Ilmaan Oromoo hojii adda addaatiif kutaalee Oromiyaa hundaa keessaa gara bulchiinsa kutaa Magaalaa Finfinnee deemuun hojjetatanii jiraatan murni faashistii PP qabuun hidhee dararuu jabeessee jira.
Maqaa ergama waraana bilisummaa Oromoo qabattee sochoota jedhuun jiraattonni hedduun qabamanii hidhamaa jiraachuu kan himatan, akkaataa itti hojjetanii bulan dhabuun hiraarfamaa akka jiranis ibsan.
Bifuma kanaanis Ebla 6, 2024 Finfinnee kutaa Magaalaa Sabbataa Keessatti namoonni hedduun qabamuun kan hidhaman yoo ta’u, reebicha ulfaataa irra ga’een dargaggoon tokko gurri isaas akka duude dhaga’ameera.
Oduu biraatiin ammoo godina Arsii Bahaa aanaa Balee Gasgaar gandoota baadiyyaa cufa irraa dargaggoonni maallaqa sirni bilxiginnaa qopheessee jiruun goyyoomsamanii mooraa leenjiitti ergamaa akka jiran himame.
Akka jiraataan onichaa ONM’tti himetti, kaabinoota, dabbalootaa fi qaamoleen milishaa dargaggoota ijaaruun namni dargaggoota kana goyyoomsuun gara leenjiitti erge maallaqa guddaa akka fudhatus himeera.
Kanaaf yeroo ammaa haalli magaalota godinichaa fi gandoota baadiyyaa baay’ee yaaddoo akka ta’ee jiruu fi yeroo qonnaa kanatti maatii jalaa dargaggoota fuudhanii deemaa jiraachuu dabaluun himeera.

