ONM-ABO Caamsaa 10, 2024
Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon, deggersaa fi utubaa PP’n hanga meeshaalee gurguddaatti hidhatanii kan jiran hawaasa keenya naannoo daangaa irra jiran buqqisuu, ajjeesuu, saamuu, dararuu, dhabamsiisuunii fi yakka ilma namaa tokkorra ga’uu hin qabne raawwachaa turuun ni beekama.
Sababa kanaan ammoo, hawaasni keenya naannoo daangaa irra jiran namoonni muraasni meeshaa dhuunfaa isaanii kilaashii bitachuun diina Mormoriin ce’ee dhufe kana ofirraa dhorkuuf kanneen meeshaa qaban waraanni faashistii PP humnaan irraa hiikuu jiraattonni ONM’tti himan.
Gandoota aanaa Giddaa Ayyaanaa jalatti argaman gara caalu kan ta’an, finxaaleyyiin Amaaraa rakkoo hamaa irraan geessisaa kan jiran yommuu ta’u, rakkoo kana qolachuuf jecha waan qaban gurguranii kanneen meeshaa bitatan waraana maafiyaa PP’n saamamanii jiru.
Ganda Jaangir keessaa Caamsaa 7, 2024 namoota meeshaan waraanaa isaanii irraa fuudhame: Damisoo Abdiisaa, Itoophiyaa Goobanaa, Biqilaa Waldee, Tamoo Mokonnonii fi Taarraqee Oljirraa ta’uun barameera.
Kana malees, aanuma kana ganda Dirree Guddaa irraa ammoo, nama maqaan isaa ‘Zabbannaa Lammaa’ jedhamu irraa hiikaniiru.
Uummanni Oromoo gidiraa hamaa humnoota kana lameeniin keessummeessaa jiruun lubbuu hedduun itti darbaa fi qabeenyi isaa saamamuun qe’ee irraa kanneen godaananii fi godaanuutti jiran hedduu ta’uu yeroo yerootti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

