ONM-ABO Caamsaa 18, 2024
Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa akka jedhetti konkolaattonni gargaarsaa Jimaata kaleessaa sa’atii biyya keessaa naannoo sa’atii 9:00tti gara qarqara galaanaatti socho’uu jalqabaniiru jedha .
Dukkaana, meeshaalee qulqullinaa fi konkolaattota dabalatee gargaarsi Biriteen gara toonii 500 ta’u torban dhufan keessatti karaa buufata doonii humnoota waraanaa Ameerikaatiin ijaarametti akka dhiyaatu eegama.
Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa ibsa kenneen, kun tattaaffii itti fufiinsa qabu, biyyoota hedduu keessaa namoota nagaa Falasxiin Gaazaa keessa jiraniif gargaarsa dabalataa karaa galaanaa geessuuf taasifamuudha jedhe.
Gargaarsi dabalataa ni barbaachisa, garuu karaan galaanaa qofa deebii akka hin taane ni beekna jedhan.
Gargaarsi baay’een namoota nagaa gargaarsa baay’ee barbaadaniif nagaan akka ga’uuf karaa qaxxaamuraa Raafaa dabalatee daandiin lafaa dabalataa banamuu arguu qabna jedhaniiru ajajni gidduu galeessaa kun.
Gargaarsi kun gara Gaazaatti osoo hin geejjibamin dura buufata galaanaa irratti akka walitti qabamu himaniiru.
Lammiileen Gaazaa balaa beelaaf saaxilamuu fi dhiyeessii baay’ee barbaadan kanaaf Israa’el daandii lafaa banaa gochuu fi gargaarsi bakka barbaachisu nagaan akka ga’u mirkaneessuu qabdi jechuun dubbatu.
Buufatni doonii jalqaba irratti gargaarsa konkolaattotaa fe’umsaa 90 kan argatan yoo ta’u, erga guutummaatti hojiirra ooleen booda gara konkolaataa fe’umsaa 150tti akka ol guddatu ibsaniiru.
Israa’el duula waraanaa Hamaas irratti taasisaa jirtu itti fuftee yeroo jirtutti, Ameerikaan gargaarsa gara Gaazaatti geessuuf haala mijeessuuf torban muraasa dura buufata doonii kana ijaaruu eegalte.
Lammiileen Falasxiin gara miliyoona 2.2 ta’an nyaata, bakka jireenyaa fi gargaarsa biroo barbaadu.
Angaawoonni akka jedhanitti, Mootummoota Gamtooman, adda durummaan Sagantaan Nyaataa Addunyaa, gargaarsa gara fuulduraatti raabsuuf itti gaafatamummaa akka fudhatu himaniiru jechuun BBC’n gabaasera.




