• Sun. Mar 15th, 2026

Dhiibbaan mirgoota namoomaa jiraattota godina Bunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa fi Cawwaaqaa irratti waraana faashistii PP’n jabaate

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 15, 2024

Waraanni maafi’aa PP dargaggoota irraa mataa gogaa aaduu itti fufuun, bartee sirnoota dabranii EPRDF kaleessa yakka gara jabummaa hawaasa keenyarratti raawwataa turan irraa dhaaluun har’as faanuma abbaasaanii hordofuun uummata gidirsaa jiru

Bifuma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti waraanni PP dhiibbaa mirga namoomaa akkuma kana duraatti raawwachuu itti fufuun dargaggoota rifeensi isaanii baay’ee hin guddanne irraa magaalaa Konee keessatti qaruuraan mataa gogaa aadaa turuu ibsan.

Dargaggoo maqaan isaa Bahaaruu Biraanuu jedhamu gaafa Ebla 29, 2024 qabuun magaalaa aanichaa Koneetti qaruuraan mataa irraa aadanii gidirsuun torban lamaaf baay’ee dararaa akka turan himu.

Kana malees, torban darbe namoota doqdoqqee oofuun jiraatan hunda walitti qabuun rifeensa isaanii irraa aadanii itti roorrisaa turuun beekamee jira.

Akka aanichaatti namni akka garaasaa bahee galuu kan hin dandeenyee fi deggertoota WBO’ti jechuun akka malee hawaasa dararaa jiraachuu isaanii ONM odeeffatee jira.

Oduu biraan ammoo aanaa Cawwaaqaatti waraanni PP Caamsaa 13, 2024 aanaa Cawwaaqaa ganda ‘Gabbina’ jedhamuun beekamutti hawaasa mana cidhaa jirurratti dhukaasa banuun, namoota 31 humnaan qabanii mana hidhaa tursuun boodarra gara leenjii waraanaatti erguuf bakka tokko teessisaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading